Waldaan Misooma Oromiyaa meeshaalee yaala fayyaa keellaa fayyaa bu’uuraa giddugala Bikaatiif taasise. Deeggarsi kun kan taasifame karaa piroojektii fooyya’insa kenninsa tajaajila fayyaa bu’uuraatiin yoo ta’u, deeggarsi kun bakka Itti gaffatamman WMO Godina Shawaa Obbo Tashomaa Gizaw, I/G/W/ mallaqqaa aana Lumee Obbo Yaayyaa, I/W/E/F/A Lumee Obbo Darajjee fi hirmaattonni biroo bakka argamanitti kennamee jira.
Meeshaaleen yaalaa kunneen, siree dahumsaa, siree qormaataa, siree ciisichaa, firashaa, Seentiriifuujii boolla saddeet qabu, meeshalee qorranno fi laastikaa meetira 24 yoo ta’u, waaluma galatti deeggarsa meesha Qr. kuma 500 tti tilmaamamudha.
Waldaan Misooma Oromiyaa, Oromiyaa badhaate, hawaasa baratee, diinagdeen isaa cimaa fi fayyaa qabu arguuf ijibbaata walirraa hin cinne taasisaa jira.
Tokkummaan Misoomaaf!





