Sagantaa jalqabsiisa Uwwisa Talaallii Guddisuu fi Daa’immani

Bitooteessa 5/2017 Sagantaan jalqabsiisa Uwwisa Talaallii Guddisuu fi Daa’imman Goonkumaa Talaallii hin Fudhanne fi Sababa adda addaatiin Talaallii addaan kutan Dhaqqabuuf karoorfame Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollotti geggeefame jira. Waldaan Misooma Oromiyaa sagantaa itti seensa hojii pirojeektii xiyyeefannoon isaa ”Expanding Immunization services to reach Zero-dose Under immunized Children & missed communities in Oromia” jedhu […]
Waldaan Misooma Oromiyaa deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa taasise.

Waldaan Misooma Oromiyaa meeshaalee yaala fayyaa keellaa fayyaa bu’uuraa giddugala Bikaatiif taasise. Deeggarsi kun kan taasifame karaa piroojektii fooyya’insa kenninsa tajaajila fayyaa bu’uuraatiin yoo ta’u, deeggarsi kun bakka Itti gaffatamman WMO Godina Shawaa Obbo Tashomaa Gizaw, I/G/W/ mallaqqaa aana Lumee Obbo Yaayyaa, I/W/E/F/A Lumee Obbo Darajjee fi hirmaattonni biroo bakka argamanitti kennamee jira. Meeshaaleen yaalaa […]
Manni Baruumsa Bultii Addaa WMO Baratootta Isaa Hunda Gara Yuniivarsitii Galchuudhaan Badhaafamee.

Manni barumsa bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa barattoota hunda gara yuniivarsititti waan dabarseef Dhaabbata ‘Ethiopian Students National Award’ irraa beekkamtii argatee jira. Uummanni Oromoo fi deeggartoonni WMO bu’aan kun akka argamuuf yeroo hunda hojii eebbifamaa kana utubdan hundi baga gammaddan baga gammanne. Manni barumsaa keenya bara kanas akkuma baroota darbanii qabxii olaanaa galmeessinee uummata keenya […]
Daarikteerri olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Dajanee Itichaa fi miseensonni manajimentii WMO magaalaa Jimmaatti ARKAMAN

Daarikteerri olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Dajanee Itichaafi miseensonni manajimentii WMO magaalaa Jimmaatti argamuun haaromsa gamoo Jimmaa daawwachuun, ogeeyyii haaromsa gamoo hojjechaa jiran jajjabeessaniiru. Tokkummaan Misoomaaf!
Daawwii Daareekitarrii Ol’aanaa WMO Obbo Dajanee Itichaa Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Bishooftu.

Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Bishooftu Leenjisaa jabeenya qaamaa Natsaannat waliin ta’uun Ispoortii “Erobics” moora mana barumsaa keessatti gaggeessan. Sagantaa kana irratti kan hirmaatan Daareekitarrii Ol’aanaa WMO Obbo Dajanee Itichaa eergaa dabarsaniin “isin bor Biyya kana gara Fuula duraatti kan ceesistan waan taataniif gama hundaan gahumsa keessan cimsuu qabdu, milkaa’ina kanaafis jabaeenyi qaamaa […]