Bitootessa 27/2017
Adaamaa
Waldaan Missoma Oromiyaa Damee Finfinnee Miseensotaafi deeggartoota Kutaalee Magaalaa Finfinnee Qindeessuudhaan deeggarsa galteewwan (Kompiitara desk topfi laptop, Tabiletii, kitaabilee, dabtara pirintaroota akkasumas galteewwan nyaata barattootaa (Xaafii, missira, Sukkaara, Makaronii, paastaa, zayitiifi kkf hojii mana barumsaa bultii addaa milkeessan waliigala qar. Mil.30.7 ol ta’u gumaacha taasiseera.
Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan WQ Boordii WMO Kabajamoo Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Kutaaleen Magaalaa Finfinnee deeggarsa taasisaniif galteeeffatanii hojiin isin hawaasa gurmeessuun akka waliin hojjetan taasisaa jirtan fakkeenyummaa qaba jedhaniiru.
Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Bakka bu’aan Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaas saganticha irratti haasaa taasisaniin WMOn waggoottan soddomman darban hojii hawaasa keenya fayyadan hedduu hojjechuu ibsuun, deeggarsi kutaaleen magaalaa taasisan kun dhaloota boru biyya keenya ceesisuu keessatti gahee qaban horachuuf gahee olaanaa qaba jechuun fuula dura cimee akka itti fufu dhaamaniiru. Dhumarrattis Daarikteerri olaanaa WMO Obbo Dajanee Itichaa hojii WMOn akka Mana barumsa bultii Addaatti hojjetu ibsuun deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Tokkummaan Misoomaaf!!!






