Programs

ODA Boarding School designed to provide education and care to children with special needs. The aim is to offer a supportive and inclusive learning environment

Bishooftuu

Bitootessa 28/2017

Bishooftuu

Waldaan Misooma Oromiyaa Mana Barnoota Bu’uura Boruu qarshii mil.4 oliin ijaare Eebbise.

Waldaan Misooma Oromiyaa Mana Barnoota Bu’uura Boruu qarshii mil.4 oliin Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Duukam Aanaa Malkaa Zoonii Tokkummaatti ijaaraa ture eebbiisuun hojii baruuf barsisuuf bana taasise.

Obbo Tashomaa Gizaaw Itti Gaafatamaa WMO Damee Shawaa Bahaa Waldaan Misooma Oromiyaa Waldaa ummataa ummataan ijaarame ta’u ibsani, Waldaan sammuu namaa irratti akka hojjetu ibsuun kana milkeessuuf manneen barnootaa ijaaru irratti xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiran dubbatani jiru.

Aadde Shawaayyee Siidaa Itti Aantuu Itti Gaafatamtuu Waajjira Barnootaa Magaalaa Bishooftuu Manni Barnoota Bu’uura Boruu guyyaa har’a eebbifame ummanni kunuunsa barbaachiisuu ittin gochuun ijoollee isaa barsifachuu akka qabu gaafatani jiru.

Iddoo hojii qulqullina qabu keessatti barachuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti barbaachisaa ta’u kan himan Aadde Shawaayyeen,milkaa’ina isaatiif gaheen qaamolee hawaasa garagaraa murteessaa akka ta’e dubbatani jiru.

Tokkummaan Misoomaaf!

Facebook
X
LinkedIn
WhatsApp

Related news

Scroll to Top