Bitootessa 20/2017
Deeggarsa Kompiitaraa
Waldaan Misooma Oromiyaa Damee Kutaa Magaalaa Lidataa dhaabbileefi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun kompiitaroota 42 Mana Barumsa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaaf deeggarsa taasiseera.
Walitti qabaan Koree WMO Kutaa Magaalichaa Obbo Sintaayyoo Tarrafaa akka ibsanitti deeggarsi kun kutaalee hawaasaafi dhaabbata Kaamaaraa jedhamu hirmaachisuun kan argame ta’uufi Kutaa ICT of danda’e Mana barumsichaa keessatti gurmeessuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Sagantaa walharkaa fuudhinsa kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan I/G WMO Damee Finfinnee Obbo Taakkalaa Amanuu Kutaan Magaalaa Lidataa deeggarsi taasisan itti fufiinsa kan qabuufi hojii barnootaa manni barumsichaa hojjetu keessatti gahee olaanaa akka qabu kaasanii qaamolee kana keessatti hirmaatan galateeffataniiru.
Tokkummaan Misoomaaf!!!







