Ebla/2017
Waldaan Misooma Oromiyaa, Oromiyaa guddatte,hawaasa barate, diinagdeen isaa cimaa fi fayyaalessa arguuf carraaqaa jira. Deeggarsa maallaqaa dhaabata JSI/L10k irraa argateeniis piroojektii foyya’insa kenninsa tajaajila fayyaa bu’uraa fi sirna kenninsa tajaajiila fayyaa cimsuu jedhuun hawaasa isaatiif cimee hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Dhaabbata JSI/L10k tiin kan qophaa’e sagantaan gamaagama raawwii hojii kan ji’a jahaa waloodhaan bakka qooda fudhattoonni argamaniitti guyyaa lamaaf gaggeeffamee jira. Sagantaa kana irratiis raawwii hojii ilaalchisee, Moodeela keellaa fayyaa giddu galaa qooda fudhattootaaf babal’isuuf fakkeenyummaa fi kuttannoo WMOn agarsiiseef beekamtii waraqaa ragaa fi badhaasa “Crystal” bakka qooda fudhattoonii argamanitti WMOf kennamee jira.
Tokkummaan Misoomaaf!



