WMOn Bulchiinsa Magaalaa Holootaa waliin magaala Holootaatti ijaarsiisuun sadarkaa xumura irra jiru

Bitootessa 15/2017

Holoota

WMOn Bulchiinsa Magaalaa Holootaa waliin magaala Holootaatti ijaarsiisuun sadarkaa xumura irra kan jiru mana barumsa addaa (Special School) Daarektarri Ol’aanaa WMO Obbo Dajanee Itichaa, Kantibaan Magaalichaa Obbo Isheetu Baqqalaa kaabinee isaani waliin akkasumas Hogganaan WMO damee Finfinnee fi Shaggar Obbo Taakkala Amanuu dawwatan.

Ijaarsii kun bajata Q.miliyoona 9 ol kan ramadameef ta’u isaa, kana keessa mana qopheessaan qarshii Mil.5 Waldaan Misooma Oromiyaa Q.Mil.4 ramadamu isaa Obbo Isheetuun ibsaniiru.

Obbo Dajaneen gama isaanitiin Bulchiinsii Magaala Holoota Waldaa waliin qindaa’un hojii qabatamaafi bakka dhalootni itti qaramu kanaaf tumsi taasifameef galata galchuun gara fuula duraattis deeggersa akka tasisan maqaa waldaatiin waadaa seenaniru.

Tokkummaan Misoomaaf!

Recent Posts

Recent Comments

No comments to show.

All Categories

Tags

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *