Bitooteessa 5/2017
Sagantaan jalqabsiisa Uwwisa Talaallii Guddisuu fi Daa’imman Goonkumaa Talaallii hin Fudhanne fi Sababa adda addaatiin Talaallii addaan kutan Dhaqqabuuf karoorfame Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollotti geggeefame jira.
Waldaan Misooma Oromiyaa sagantaa itti seensa hojii pirojeektii xiyyeefannoon isaa ”Expanding Immunization services to reach Zero-dose Under immunized Children & missed communities in Oromia” jedhu irratti hojjechuuf Godina Qellam Wallaggatti aanaalee saddeet adda bahan irratti karoorfatanii hojiitti galuuf sagantaan jalqabsiisaa taasifame jira.
Sagantaan kun bakka bulchinsi Godina fi Waajjira Fayyaa Godina argamaniti kan gageeffame yemmu ta’uu WMOn sagantaa kana gara Godina keenya qabatee dhufu isaatiin baayyee galateeffanna jechuun, bulchinsii Godina hojii kana abbumaan bulchiinsa Aanaa, waajirri Godina fi Aanaa abbumaan qabatani akkaata karoorfameen hojii irra akka olchaan kallatti ka’aan jiru.
Dabalataanis, itti-aanaa Daarikteeraa Ol’aana WMO Obbo Hundee Xilahuun argamuun akka jedhaniitti “hoggansi mootummaa sadarkaan jiru hundi sagantaa kana milkeessuuf akkasuumas, tajaajila uummata keenya mirkaneessuf waliin taane qindoominaan hojjechu qabna” jechuun dhamsa dabarsani jiru.
Dhuma irratti haalii waliigalaa fi karoorri sagantaa gama obbo Birquu Dammaqaa maanaajara sagantaa Fayyaa WMO tiin dhiyaatee maariin erga gaggeeffamee booda sagantaan xumuramee jira.
Tokkummaan Misoomaaf!



