Seenaa Abjuu Irraa Gara Dhugaa

pm
previous arrow
next arrow

Manni Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) A.L.I bara 2006 keessa kaayyoo fi mul’ata guddaa qabachuun hundeeffame. Yeroo sanatti, hoggantoonni fi gaggeessitoonni WMO ijoollee Oromiyaa keessaa dandeettii addaa qaban adda baasuun, naannoo barnootaa mijataa keessatti barsiisuu, beekumsa isaanii cimsuu fi gara hoggantoota egeree biyyaatti ceesisuuf abjuu guddaa qabaatanii hojii kana jalqaban.

Abjuun sun garuu yaada qofa hin turre. Har’a, waggoota sagaliif walitti aansuun qabxii olaanaa galmeessisuun, abjuun hoggantoota yeroo sanaa sun dhugaa qabatamaa ta’ee, bu’aa isaa biyya, Afrikaa fi adduunyaa irratti mul’isaa jira.

Yeroo manni barumsaa kun hundeeffametti haalli hojiifi qabatamni ture ulfaataafi dadhabsiisaa ture. Barattoota 200 ta’an simachuun, isaan barsiisuu qofa osoo hin taane, dandeettii isaanii adda baasuun, yaada isaanii gara hojii qabatamaatti jijjiiruun, naamusa, kutannoo fi aantummaa keessatti guddifachuun hojii ulfaataa ture. Hojii jalqabaa kana keessatti hirriba malee hojjechuu, rakkoolee adda addaa keessa darbuufi mul’ata fagoo qabaachuun barbaachisaa ture.

Yeroo hundeeffamu , Kabajamtuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ammaa Addee Adaanach Abeebee Daarektara Olaanaa WMO ta’uun olaantummaan hojicha kan hogganan , akkasumas hoggantoonni fi ogeessonni WMO biroo hoggansa adde Adaanach jalatti cimanii mana barumsaa kanaa hundessuun gahee bakka bu’iinsa hin qabne bahataniiru. Akkasumas, Kabajamoo Obbo Abbaaduulaa Gammaadaa, Waliitti Qabaa Boordii WMO, hoggansa bu’uura milkaa’ina har’aa kanaaf gahee olaanaa taphataniiru.

Barattoota 200 Irraa Gara Abdii Biyyaatti: Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO, barattoota gara 200 ta’aniin jalqabee, har’a gara mana barumsaa beekamaa fi bu’aa qabeessa ta’eetti guddachuu danda’eera. Kaayyoon isaa ijoollee barsiisuu qofa osoo hin taane, dandeettii, naamusa, kalaqa, hoggansafi Itti-gaafatamummaa isaanii cimsuun, isaan gara abbootii beekumsaa, ogeessota, qorattoota fi hoggantoota egeree biyyaatti ceesisuudha.

Har’a, barattoonni mana barumsaa kana irraa bahan daangaa mana barumsaa fi naannoo isaanii keessatti qofa osoo hin daangeeffamiin, biyya, Afrikaa fi addunyaa keessatti beekumsafi dandeettii isaanii agarsiisaa jiru. Barattoonni kunneen yunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti barachaa, qorannoo gaggeessaa fi ogummaa isaanii keessatti milkaa’ina galmeessaa jiru.

Barattoota seenaa mana barumsaa kanaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa, Kadhimamaa PHD Raajii Ashaanaafiifi Barataa Caalaa Adaanaa fakkeenya gaarii ta’anii ka’uu danda’u. Isaaniifi barattoonni hedduun biroo, bu’aa hojii mana barumsaa kanaafi sirna barnootaa isaa keessatti hundeeffame agarsiisu.

Seenaa Qabxii Olaanaa fi Galmee Barnootaa

Seenaa milkaa’ina mana barumsaa kanaa keessatti qabxiin barattootaa mallattoo guddaa dha. Bara 2007 irraa eegalee, qabxiiwwan olaanoo fi galmeewwan barnootaa adda addaa galmeessuun seenaa isaa keessatti kutaa murteessaa ta’eera.

Adeemsi kun waggaa waggaan itti fufuun, har’a gara galmee seenaa biyyaalessaa ga’u danda’eera. Milkaa’inni yeroo ammaa, keessumaa qabxii olaanaa barataa Jaalal Girmaa Kuusaa, mana barumsaa kana qofaaf osoo hin taane, maatii, hawaasa, Oromiyaa fi biyya guutuu keessatti boonsa guddaa uumee jira.

Qabxiin kun bu’aa guyyaa tokkoo miti. Bu’aa cimina, naamusa, kutannoo, hojii cimaa barattootaa, barsiisotaa, hoggantootaa, maatii fi hawaasaa waggoota dheeraaf itti fufee hojjetamee dha.

Bu’uura Muuxannoo Gaarii Babal’achaa Jiru.

Muuxannoofi bu’aan Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO waggoota keessatti argamsiise, mana barumsaa damee lama qabnu cinaatti hojii barnootaa biyya keenyaa keessatti fakkeenya ta’ee mul’ateera. Hordoffii, deeggarsafi muuxannoo irraa argameen, Mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa birattis xiyyeeffannoon barnoota qulqullina qabu, mana barumsaa dandeettii addaa qaban deeggaruufi manneen barnootaa bultii addaa babal’isuuf taasifamaa jiru cimee jira.

Kanaaf, milkaa’inni mana barumsaa kanaa bu’aa mana barumsaa tokkoo qofa osoo hin taane, muuxannoo sirna barnootaa keessatti babal’achuu danda’u ta’ee ilaalamuu qaba.

Ogeessota, Hayyoota fi Hoggantoota Egeree

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO yeroo ammaa barattoota qofa osoo hin taane, ogeessota ciccimoo, hayyoota, qorattoota fi namoota naamusa gaarii qaban horachaa jira.

Barattoonni mana barumsaa kana irraa bahan damee fayyaa, saayinsii, teeknooloojii, barnootaa, qorannoo fi ogummaa adda addaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiru. Kunis mul’ata mana barumsaa kanaa inni guddaan ijoollee har’aa gara humna namaa fi hoggantoota boruutti jijjiiruu milkaa’aa jiraachuu agarsiisa.

Gahee Hawaasaa fi Deeggarsa Qooda Fudhattootaa

Milkaa’inni Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO har’a ga’e hojii nama tokkoo ykn qaama tokkoo qofa miti. Milkaa’ina kana keessatti hawaasni, maatiin barattootaa, mootummaa, Boordiin WMO, hoggantoonni, barsiisotni, hojjettoonni mana barumsaa, deeggartoonni fi qooda fudhattoonni gara garaa gahee olaanaa qabu.

Ciminni hojjettootaa, kutannoon barsiisotaa, naamusni fi tattaaffiin barattootaa, akkasumas deeggarsi hawaasaa fi mootummaa, bu’uura milkaa’ina har’aa ti.

Abjuu Waggoota 12 Dura Ka’ame Galmee Har’aa

Waggoota 12 dura, namoonni mana barumsaa kana hundeessan abjuu tokko qabu turan: ijoollee dandeettii qaban walitti qabuun, barnoota qulqullina qabu kennuun, gara hayyoota fi hoggantoota biyyaatti guddisuu.

Har’a Abjuun sun ifatti Mul’ateera.

Barattoota 200 irraa eegale har’a gara dhaloota hayyootaa, ogeessotaafi abdii biyyaatti guddateera. Galmeewwan barnootaa olaanoo, barattoota yunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti milkaa’an, hayyoota sadarkaa olaanaa ga’anfi ogeessota damee gara garaa keessatti gahee isaanii bahatan horachuun, seenaa mana barumsaa kanaa keessatti bu’aa hojii waggoota dheeraa ti.

Milkaa’inni barataa Jaalal Girmaa Kuusaa fi galmeen inni haaraa galmeesse, seenaa mana barumsaa kanaa keessatti boqonnaa haaraa banera. Qabxiin isaa ragaa dandeettii barattootaa, cimina barsiisotaa, hoggansa mana barumsaa, deeggarsa maatii fi hawaasaa, akkasumas sirna barnootaa mana barumsaa kana keessatti ijaarameeti.

Har’aa Irraa Gara Boruutti

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO har’a dhaabbata barnootaa seenaa fi muuxannoo qabu ta’ee dhaabbatee jira. Garuu milkaa’inni har’aa xumura imalaa miti; bu’uura milkaa’ina boruu ti.

Ijoolleen mana barumsaa kanaa ilmaan Oromiyaa fi biyya keenyaa qofa osoo hin taane, abdiilee boruu, hayyoota, ogeessota fi hoggantoota egeree ti. Bakka jiran hundatti naamusa, kaka’umsa, beekumsa fi dandeettii isaanii fayyadamuun hawaasa isaanii fi biyya isaanii tajaajilaa jiru.

Kanaaf, seenaa Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO waggoota keessatti ijaare, seenaa mana barumsaa tokkoo qofa miti. Seenaa abjuu gara dhugaatti jijjiirame, seenaa kutannoo, seenaa hojii cimaa, seenaa barnoota qulqulluu fi seenaa dhaloota abdii biyyaati.

Waggoota hedduu dura barattoota 200’n jalqabame; har’a immoo gara kumaawwan abdii, hayyootaa fi ogeessota biyyaafi addunyaatti ce’aa jira.

Abjuun yeroo sanaa har’a dhugaa ta’eera.

Milkaa’inni har’aa immoo abjuu boruu ti.

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO Seenaa Abjuu, Kutannoo, Barnootaa fi Milkaa’inaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top