“Seenessa sobaa ture sirreessuun dhaloonni seenaa biyyasaa sirrii akka baratu bu’uura keenyeerra.” Aadde Adaanach Abeebee.
Bitootessa 15/2016
Barattoonniifi barsiisonni mana barumsa Bultii Addaa WMO godambaa Adwaa daawwatan. Sagantaa daawwannaa kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeefi daarikteerri olaanaan WMO, obbo Dajanee Itichaa kan argaman yoo ta’u, kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, “Seenessa sobaa ture sirreessuun dhaloonni seenaa biyya isaa sirrii akka baratu bu’uura keenyeerra. Dhaloonni kun seenaa abbootiisaa isa sirrii barachuun egeree biyya isaaf gumaacha gaarii gochuu qaba.Amma magaalaan guddoo keenya Finfinneen wiirtuu dippilomaasii fi teessoo Gamtaa Afrikaa qofa osoo hin taane, “Yaadannoo Injifannoo Adwaa” ummata gurraachaf hundaa akka yaadannoo injifannoofii hawwata turizimii ta’ee dabalameera. jedhan. Dabalataanis aadde Adaanech barattoota mana barumsaa keenyaaf jabaatanii barachuun hiree egeree biyyaa qajeelchuuf akka of qopheessuu qaban dhaamaniiru. Kana malees barattoota kana arguu isaaniitti gammaduu ibsanii jiru.
Aadde Adaanech Abeebee, daarikteera olaantuu WMO duraanii, miseensa boordii WMOfi hundeessituu mana barumsa Bultii Addaa WMO ta’uun ni beekkama.
Tokkummaan Misoomaaf!