Guraandhala 28/2016
Hojjettoonni waajjira olaanaa Waldaa Misooma Oromiyaa mata duree, “Dubartoota aangomsuun, milkaa’ina haa saffisiisnu”jedhuun ayyaana guyyaa dubartoota addunyaa, akka biyya keenyaatti yeroo 48ffaaf, akka addunyaatti immoo yeroo 113ffaaf kabajamu, haroo Wanciitti haala addaatiin kabajan.
Ayyaana kana irratti argamuun haasaa kan taasisan, daarikteerri olaanaan WMO, obbo Dajanee Itichaa, hirmaattota ayyaanichaan baga geessan jechuun, WMO’n waggoottan 30 darban dubartoota aangomsuufi miidhaa dubartootaa hambisuuf akkasumas hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf, hojii bal’aa hojjechuufi ammas hojjechaa jiraachuu eeruun, dubartoota aangomsuufi hirmaachisuun misoomaafi guddina biyyaaf murteessaadha jedhan.
Sagantaa kana irratti duudhaa sirna Gadaa keessatti sirnoota Oromoon durirraa kaasee itti dhimma bahuun hirmaannaa dubartootaa jabeessaa ture dhiyaachuun, uummanni Oromoo sirna Gadaa keessatti walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuun labata ijaaraa turuun, hirmaattota ayyaanichaaf ibsameera.
Dabalataanis ayyaanni kun qophiilee bashannansiisoo biroon dabaalamee haala ho’aan kabajamaa ooleera.
Tokkummaan Misoomaaf!