Daarikteeri olaanan WMO obboo Dajanee Itichaa hojjatoota Projeektii ijaarsa jaallisi Hajii Faajjii jedhamu hojjachaa jiran waliin ayyaana kabajani jiru.
Ijaarsi jaallisi kun godina Harargee Bahaa aanaa Qarsaati kan argamuuf Waldaan Misooma Oromiyaa ijaarama kan jiruudha. WMO’n hojii ijaarsaa qulqullina qabu hojjachuun kan beekamu yoo tahu yeroo amma kanas jaallisi kana humna waldichaan ijaara kan jiruuf sadarkaa ijaarsa sadarkaa olaaan kan guddise tahuu dawwii fi afeera laaqana godhame booda ogeessotan ibsame jira.
Haala baayyee rakkisaafi abdii nama kutachiisu keessaati dandeeti gaggeessummaafi kutannoo olaanan yeroo amma kana sadarkaa abdii namati uumu irra gahee jira. Saxaxa duraan yaadame kan jijjireefi yeroo amma kana waan yaadamee olitti milkiin irra calaqisa jira.Hojjatonni Waldaa Misooma Oromiyaa halkanif guyyaa ijaarsa kana milkeesuuf hojjachaa jiran galata guddaa qabu.
Tokkummaan Misoomaaf!