Miseensota koree fi Hundeessitoota Waldaa Misooma Oromiyaa damee Ameerikaa Kaabaa kan ta’an Obbo Lalisaa Hiikaa fi Addee Galaanee Firrisaa Mana Barnoota Bultii Addaa WMOtiif Tableetii 33 fi LCD(Projector) gumaachaniru. Sagantaa gumaachaa (Kenniinsaa) Kanaan walqabatee Pireesidantiin WMO damee Ameerikaa Kaabaa Obbo Ariif fi wahiiloota isaanii waliin ta’uun Mana Barumsa Bultii Addaa WMO damee Adaamaa daawwachuun; barattootas jajjabeessuniiru.
Dabalataanis barattoonni carraa barnoota biyya alaa akka argataniif deeggarsa akka taasisan waadaa galaniiru. Carraa Kanaan deeggartoonni WMO fi dhalattoonni Oromoo biyyaan alaa jiran deeggarsa gama teeknooloojiin barbaachisu (jiru) akka taasisaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Tokkummaan Misoomaaf!