Muddee 1/2016
Sirni badhaasaafi beekkamtii barattoota mana barumsa Bultii Addaa WMO bara 2015 qormaata biyyoolessaa qoramanii magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa bakka keessummoonni federaalaafi naannoo akkasumas bakka buutonni WMO guutuu Oromiyaarraa argamanitti haala hoo’aadhaan gaggeeffamee jira.
Sagantaa kana irratti kan argaman hundeessaafi walitti qabaan boordii WMO kabajamoo obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, “Manni barumsaa kun akka hundeen gadi dhaabbatuuf uummanni Oromoo waan hundaa utubanii jiru.” barattoonni jabaatanii hojjechuun iddoo guddaa uummanni itti isaan eegu akka gahuu qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Keessummaa sagantichaa kan ta’an I/A/ hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Galaanaa W/Mikaa’eel, “BBO moodela WMO fudhachuudhaan manneen barnoota bultii Addaa babal’isaa jira.”jechuun hojii waldaa ajaa’bsiifataniiru. Dabalataanis barattoonni yuunivarsiitii keessatti jabaatanii qayyabachuun bu’aa caaluuf akka hojjetan dhaamsa dabarsaniiru.
Waltajjii kana kan saaqan daarikteerri olaanaa WMO, obbo Dajanee Itichaa, Waldaan Oromiyaa galaana hayyootaa taasisuuf hojjechaa jira.”jechuun bu’aan argame kan uummata Oromoo guutuu ta’uu ibsanii utubaa waldichaa kan ta’e miseensotaafi deeggartoota WMO galateeffataniiru.
Sagantaa kanarratti barattoonni badhaasa Meedaaliyaa, laaptooppii, waraqaa ragaafi maallaqa badhaafamanii jiru.
Tokkummaan Misoomaaf!