Tola ooltummaan meeshaa dhaloota boruu ittiin ijaarrudha.” Daarikteera olaanaa WMO, obbo Dajanee Itichaa
Fulbaana 10/2015
Sagantaan beekkamtii raawwii hojii WMO bara 2015 fi kallattiin karoora bara 2016 guyyoota sadiif magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xummurame.
Waltajjii kana irratti kallattii gara fuulduraa kan kennan, daarikteerri olaanaan WMO, obbo Dajanee Itichaa, “Tola ooltummaan meeshaa dhaloota boruu ittiin ijaarrudha. WMO’n hojii tola ooltummaatiin biyyaatti hojii fakkeenyummaa qabu hojjeteera.”jedhan. Itti dabaluunis, “Icciitiin biyyoota guddatanii dhaloota barnootaan ijaaruu waan ta’eef, kaayyoon WMO inni guddaan dhaloota qaroo egeree uummata keenyaaf gummaachan oomishuudha.”jedhan.
Waltajjii kana irratti godinaalee, magaalotaafi aanaalee raawwii hojii WMO bara 2015 olaanaa raawwataniif beekkamtiifi badhaasni kennameera. Dabalataanis karoora hojii bara 2016 irratti marii bal’aan taasifamee kallattiin daarikteera olaanaa WMO obbo Dajanaee Itichaafi Itti aanaa daarikteeraa Obbo Fiqaaduu Addunyaatiin kennameera.
Tokkummaan Misoomaaf!