Baga gammaddan, Baga gammanne!
Barattoonni mana barumsa Bultii Addaa WMO bara 2014 qormaata biyyoolessaa qoramuun qabxii boonsaa galmeessan,
carraa barnoota bilisaa (scholarship) argachuun barnoota isaanii hordofuuf gara Dubaayitti imalanii jiru.
Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qaroo kanaan ciminaafi dandeettii qabdan barnootaan gabbifachuun, egeree uummata keenyaaf gumaacha akka taasiftan isiniif dhaamaa, baga gammaddan. Bara barnoota gaarii isiniin jedha. Barattoonni mana barumsa Bultii Addaa WMO yeroo garagaraa barnootaaf gara biyyoota hedduu deemaa jiraachuun isaanii ni beekkama.
Uummanni Oromoo, miseensonniifi boordiin WMO akkasumas hoggansiifi hojjettoonni WMO hundi baga gammaddan.
Tokkummaan Misoomaaf!